Guca Odeeffannoo Dhiittaa Mirga Namoomaa fi taateewwan Oromiyaa keessatti mudatan ittiin naaf ergitan

Oromiyaa keessatti waantoti ta’aa jiran yoom irrayyuu caalaa kan nama yaaddessuu fi kan addunyaan beekuu qabu ta’uun isaa wal nama hin falmisiisu.
anis kana hubachuudhaan hamma durii irra caalchisee ragaa qindeeffachuu akka ani qabu murteeffadhee unda gaditti jiru qopheesseera. Isinis, Unka kana gutuudhaan hiriyootaa fi hordoftoota keessaniif hiruudhaan haala sabi keenya keessa jiru walitti qabuu irratti akka na bira dhaabbattan jedheen isin gaafadha.

Unka kan guutuun ragaa dhiittaa mirga namoomaa fi taateewwan Oromiyaa keessatti mudachaa jiran akka naaf ergitan kabaja fi jaalalanan isin gaafadha.

Ragaan isin naaf ergitan, sarbama mirga namoomaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru hawaasa addunyaa fi dhaabbilee garagaraa mirga namoomaaf falmaniif karaa qindaa’aa ta’een dabarsuufin itti fayyadama.

Unka kana guutuuf, ’email’ qabaachuu isin hin barbaachisu.

[embedpress]

https://docs.google.com/forms/d/e/1FAIpQLSe0iu9QqO9lgtXTOt2kttIPotAjlXG0gipYTDqbVsINQ29DPQ/viewform?fbzx=-7291245310852507092&pli=1

[/embedpress]

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *